Eega muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Hayile-maariyaam Dessaalegn, taayitaa gad-lakkisuuf xalayaa galfatanii booda, mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo muddamaa labsuu isaa ilaalchisee kan gaafataman – ka duraan ministrii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets keessatti, gargaaraa ministaraa ka dhimmoota Afrikaa turan fi amma dhaabbata “US Institute of Peace” jedhamu keessaa hojjetan – Joonii Kaarsen, biyyoota Afrikaa baay’ee cimoo tahan keessaa tokko ka taate Itiyoophiyaa keessatti kan nama gaddisuu, siyaasaan ishee akka dinagdee ishee kan gara fuul-duraatti hin tarkaanfatiin tahuu dubbatan.
“Siyaasaan biyyattii – aka dinageen ishee banaa fi tarkaanfataa tahee baay’ee fagaatee deemetti hin deemne. Waggoota kurna lamaa fi walakkaa dabran kana keessatti, Itiyoophiyaan gurmuu sab-xiqqaa Tigirootaan dhuunfatamtee turte. Lammiwwan Tigiraay, biyya uummata gara miliyoona dhibba tokkoo qabdu keessatti dhibba irraa tarii harka shanii fi toorba qofa otuu ta’anii jiranii, ol’aantummaa yokaan dhiibbaa aangoo guddaa biyyattii keessatti agarsiisan. Sablammoonni biyyattii keessatti guguddoo ta’an lameen – uummatni Oromoo fi uummatni Amaaraa, deemsa siyaasaa biyyattii fi aangoo mootummaa irraa akka moggaatti qoodamanii jiran tu itti dhaga’amee jira.” jedhan – Joonii Kaarsen.
Your browser doesn’t support HTML5
Itti-fufuudhaanis ennaa dubbatan, filannoolee marsaa sadii biyyattii keessatti geggeessaman irratti hirmaannaan mormitootaa baay’ee gad-bu’uu isaa dubbatan. Waggoota kudha-shanan dabran keessatti, paarlaamaa biyyattii keessatti, hirmaannaan mormitootaa, dhibba irraa gara digdamii shanii irraa gara zero yokaan duwwaatti gad-bu’uu isaa illee dubbatan.
Gama Oromoo fi Amaaraatin moggaatti qoodamuu tu mul’ata. Kanaa, Itiyoophiyaan karaa filannoon wayyaawaan biyyattii keessatti geggeessamuu barbaaddachuu qabdi. Saba-lammoota biyyattii keessa jiran mara akkaataa hiika gaarii qabutti caasaalee mootummaa keessatti hirmaachisuun murteessaa taf’uu illee hubachiisanii jiran. Dhaggeeffadhaa