‘Hidhattoonni Naannoo Soomalee Gujii Bahaa - Gumii Eeldallootti Abbaa Araddaa Ajjeesan’ – Jiraattota

Hidhattoonni Naannoo Soomaleetii dhufan jedhaman Kaleessa Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eeldalloo tti lola bananii namoota lama ajjeesanii 7 ammoo madeessuu isaanii jiraattonni dubbatan.

Hidhattoonni kun qabeenya horiis saamuu isaanii jiraattonni kun dabaluun himanii jiru.

Bulchaan Aanaa gumii Eldalloo obbo Boruu Dulloo miidhaan dhaqqabe dhugaa ta’uu himanii; namootni kaanis qe’ee baqachuuisaanii Sagaleee Ameerikaaf mirkaneessaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Hidhattoonni Naannoo Soomalee Gujii Bahaa - Gumii Eeldallootti Abbaa Araddaa Ajjeesan’ – Jiraattota