Angoon Mootummaa Siviliitti Kennamuu Qaba: Hiriirtoota Sudaan

  • VOA

Qindeessitonni hiriira Sudaan deggertonni isaani waajiira guddoo waraana biyyatti isa Kaartuum keessa jiru cinatti Wiixata har’a akka walitti qabaman gaafatan.

Kanaafis sababaan kenname hiriira guyyaa guutuu iddoo sana taa’uun gaggeeffamu diiguuf yaaliitu jira jedhu qindeessitonni.Kanaaf uummanni keenya hatattamaan dhufee iddoo sana taa’uun waraaqsa gaggeeffama jiruuf eegumsa barbaachisu akka godhaniif gaafatan.

Kana maleessa aangoon battalumatti waraana irraa gar mootummaa Sivilootatti dabarfamee akka kennamu gaafatame.Waraanni biyyatti prezidaantii Sudaan kan turan Omar al- Bashiriin torban dabree aangoo irraa busuun ni yaadatama.

Kaawunsiliin waraanaa Dilbata kaleessaa akka jedhutti mummicha ministeeraa sivilii ta’an akka maqaa dhahuuf jiran fi kaabineen biyyatti akka gaggeessan kan ibsee yoo ta’u waajiira presidaantiif garu siviloota keessaa kan maqaa dhahamee hin jiru.

Kana malees hiriirri kan itti fufee ta’uus hin dhaabnu jechuun dubbi himaan waraanaa ibsanii jiru.