Paartiileen Mormitootaa Rakkoon Nageenyaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Hatattamaan Furmaata Argachuu Qaba, Jechuun Akeekkachiisan

Obboo Mulaatuu Gammachuu

Paartiileen siyaasaa Oromiyaa keessa socho’an dhabamuu nageenyaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa keessatti mul’atuu fi sababaa kanaan jireenyi uummataa haala baay’ee rakkisaa keessa galuu hubachiisuun akka hatattamaan furmaatni itti kennamu waamicha dhiheessan.

Haala yeroo ammaa naannoolee kana keessatti mul’atu, kan obsanii ilaaluun nama rakkisuu fi afaanitti ulfaatu kanneen jedhan hoogganoonni dhaabilee kanaa yoo hatattamaan rakkoo mul’atu kanaaf furmaatni hin argamne jiraachuu biyyattiiyyuu rakkoof saaxiluu akka malu akeekkachiisan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Paartiileen Mormitootaa Rakkoon Nageenyaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Hatattamaan Furmaata Argachuu Qaba, Jechuun Akeekkachiisan