Weerarri Hawaannisaa Godinaalee Oromiyaa 17 Keessatti Mul’achuu Beeksise Mootummaan

Weerarri hoomaa Hawwaannisa gammoojjii Oromiyaa Lixaatti mul’achuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksisee jira.

Biiroo kanatti, daayirektarri Eegumsa Biqiltuu, Obbo Dajanee Hirphaa akka jedhanitti, godinaalee Naannoo Oromiyaa 21 keessaa, hanga ammaatti 17 keessatti argame.

Hubaatii hawwaannisi oomishaa fi biqiltoota irraan gahe beekuuf qorannoon taasifamaa jiraachuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Your browser doesn’t support HTML5

Weerarri Hawaannisaa Godinaalee Oromiyaa 17 Keessatti Mul’achuu Beeksise Mootummaan