FINFINNEE —
Miseensa Koree Giddugaleessa ABO kan tahan obbo Abdii Raggasaa bakka itti hidhamanii turanitti argachuu hin dandeenye jechuun, maatiin isaanii yaaddoo qaban ibsataa jiran.
Dubbi himaan Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa ammoo, obbo Abdii Raggaasaa erga qaama naageenyaan to'ataamanii irraa eegalee harka mootummaa jiru.
Waan maaiti yaaddessu hin jiru, jedhu. Maatiin bakka Obbo Abdiin jiran Koomishina Poolisii Oromiyaa gaafatanii baruu akka danda'anillee dubbatu. Maatiin Obbo Abdii garuu, gaafatanii nama achi buutee isaanii itti himu akka dhaban dubbatanii jiran.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5