Bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti hojjetoonni mootummaa dhibba irraa harka shantama tahan sababaa weerara Vaayirasii Kooroonaatiin eyyama guutanii manatti galuun, ofii fi maatii maatii ofii dhiibbee kana irraa akka egan mootummaan beeksisee jira.
Biiroon Tajaajila Uummataa fi Qabeenya Misooma Namaa akka ibsetti hojjetoonni mootummaa eyyamaan akka bahan ka jedhame, eyyama hojjetaa ofii kuufatan irraa akka fudhatan otuu hin taane hubatamee jira.
Hojjettonni eyyama guutanii mana isaani akka turan taasisaman eenyu faa akka tahan adda baafamuu isaallee hoogganaan Biiroo Tajaajila Uummataa yokaan Paablik Sarvisii fi Qabeenya Misooma namaa Oromiyaa Dr.Biqilaa Hurrisaa ibsanii jiru.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5