Lammileen Oromoo ganda kana keessa jiraatan hedduun ajaja darbe kanaa fi sodaa dhukkubaa kana gidduutti dhiphataa jirraa jedhu.
Your browser doesn’t support HTML5
Ibsaa Taarreqeny Baqataan Oromoo bara 2014 kaasuun Naayroobii Iislii naannoo karaa kudhan jedhamu jiraataa jiru dha, tarkaanfiin kun namoota hojii Guyyaa Guyyaa hojjetanii jiraatan hedduu miidhaa jira jedhe. Ibsaan yoo dubbatu, namootni Iisliin keessa jiraatan kaan hojii humnaa, kaan manneetii nyaataa keessa, kaan ammoo dukkaana qabu jedhe. Keessumaa warri daldala dukkaa fi hojii humnaan of bulchan hojiin guutummaan irraa dhaabbateera jedhe.
Ibsaan abbaa mucaa tokkoo ta’uus dabalee dubbate; kanaafis yeroo bahee waan isa barbaachisu maatii isaaf bitu naannochatti dhukkubi kun waan baballateef of eeggannoo akka taasisus dubbata. Baqataan kaan naannoo Buufata waraana Mooy ka Iisliitti argamu jiraatu tokko kaanis halli jiru sodaachisaadha jedha.
Baqattoonni dhaabbileen namoomaa gargaarsa malu akka nuuf taasisaniif gaafannus waanti nuuf ta’e hin jiruu jechuun dubbatu.
Obbo Fiqaaduu Dirribaa Gaaromsa Barreessaa hawaasa baqattoota Oromoo Naayroobiti. Isaanis murteen darbe dhukkuba kana to’achuuf ta’us baqattoota hojii Guyyaa guyyaan maatii isaanii deeggaran hedduu miidhee jedhan. Dabalaniis gargaarsa nuuf ha taasisaniif UNHCR fi dhaabbilee namoomaa kaan gaafannee deebii hatattamaa dhabnee jedhu.
Dhimma kana Jaaramayaa UNHCR gaafannee turre; dhaabbatichatti dubbi himaa ka taate Yujiin Baayen; Keeniyaa keessatti UNHCR’f baqattoota magaalaa jiraa jiraatan gargaaruun baayyee rakkisaadha jette. Sababa isaas yoo ibsitu seerri Keeniyaa baqattootni Buufata Baqataa keessa akka jiraatan waan ajajuuf warra as jiran qarqaarsaan dhaqqabuun rakkisaa ta’uu ibsite.
Yyijin yoo ibsitu “Gama kanaan danqatu jira; ta’us garuu UNHCR dhaaba baqattoota gargaaru waan ta’eef mugeen hin taawu. Waanti asitti rakkisaa ta’e gaaffiin baqattoonni magaalaa keessa jiraatan qaban gara gara, kaan nyaata fedha, kaan mirgi koolugaltummaa akka kabajamuuf, kaan ammo qarshii fedha. Kanaafis warra kana gargaaruuf dursa haala rakkoo isaanii adda baafnee qoranna. Garuu waanti baramuu qabu, baqattoonni kun akka warra Buufata Baqataa keessa jiraatanii gargaarsa argachuu dhabuu malu. Warri qarqaarsi addaa isaan isaan barbaachisu hojjetoota keenyaan wal arganii jiru, kana booda warri dhimmi ilaalu rakkoo namoota kanaa adda baase warra gargaarsi maluuf calala jechuudha.” jechuun dubbatte.
Yujiin akka jettetti hojiin namoota kana calaluu kun yeroo fudhata; kanaafis UNHCR mootummaa keeniyaa waliin tahuun mootummaan yeroo deeggarsi taasifamu utuu baqattoota adda hin fooyin hunda gargaaruu akka qabu irratti waliin gallee hojiitti jirraa jette.
Labsiin namni akka Iislii keessaa gad hin baane dhorku ka kamisa darbe labsame kun Guyyaa 15’f tura.