ABO fi KFOn Murtii Mana-maree Federeeshinii Mormuun Ibsa Baasan

  • VOA

Faayilii - Hoggantoota ABO

Addi Bilisummaa Oromoo fi Koongiresiin Federaalawa Oromoo Manni-maree Federeeshinii Itiyoophiyaa haga filannoon waliigalaa geggeessamutti mootummaa taayitaa irra jiruuf akka yeroon aangoo dheeressamuuf murtii Gumiin Qorannoo Heeraa dhiheesseef raggaasisuu mormuudhaan kaleessa ibsa waloo baasanii jiran.

“Murtiin Manni-maree Federeeshinii yeroo bulchiisaa mootummaa dheeressuuf dabarse, gochaa seeraa alaa ti,” jedha ibsi paartiileen mormitootaa lamaan waliin baasan.

Kana irratti Namoon Itti-gaafatamaa Sab-quunnamtii Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Qajeelaa Mardaasaa dubbisee jira.

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

ABO fi KFOn Murtii Mana-maree Federeeshinii Mormuun Ibsa Baasan