Oromiyaa Bakkawwan  Adda Addaatti Tarkaanfiin Hidhaa Mootummaan Fudhataa Jiru Dhiibbaa Hamaa Uumuu Isaa tu Dubbatama

  • VOA

Magaala Shakkisoo, Gujii

Humnoota naga-eegumsaa mootummaan baatii tokko dura hidhamanii tibbana gadi lakkifamuu ka dubbatan bakka-bu’aan Paartii Kongirasii Federaalawa Oromoo/ KFO obbo Fiqaaduu Ayyaanaa, rakkoo hidhaan isaaniifi maatii isaanii akkasumas hojii isaanii irratti uume, jedhan VOAf ibsanii jiran.

Dhimma hidhaa Oromiyaa bakka adda addaatti geggeeffamaa jira, jechuun kan himatan Paartileen mormitootaa lama: Addi Bilisummaa Oromoo fi Koongirasii Federaalawa Oromoo KFOn hoji-geggeessitoonnii fi miseensonni isaanii hedduun akka hidhamaa jiranii fi irra-caalaan isaanii akka seeratti hin dhihaatiin dubbatu.

Mootummaan namootni hidhaman sababaa mormii siyaasaaf otuu hin taane yakka hojjachuutti waan shakkamaniifi jedha. Dhimma hidhaa Oromiyaa keessaa irratti xiinxaltootaa fi hayyoota seeraas dubbisnee jirra.

Gabaasaa keenya caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Bakkawwan  Adda Addaatti Tarkaanfiin Hidhaa Mootummaan Fudhataa Jiru Dhiibbaa Hamaa Uumuu Isaa tu Dubbatama