Fooyyaa’inni Labsii  Ittisa COVID 19 Gidduu Kana Bahe To’annoo Dhukkubichaa Laaffisuuf Akka Hin Ta’iin Dubbata, Ministiriin Fayyaa 

Weerara vaayirasii COVID 19 ittisuuf qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa bahe irratti tibbana fooyya'insa taasisame labsichaa fi to'annoo taasifamaa jiru laaffisuuf miti jechuun Ministarri Fayyaa Itiyoophiyaa ibsee jira.

Fooyya'insi taasisame haala qabatamaa biyyatti irratti kan hundaa'e malee to'annoo laaffiisuuf akka hin taane dubbata, Ministirichi.

Labsii tibbana fooyya'e kanaan namoota biyyoota alaa irraa gara Itiyoophiyaa dhufan yeroo turinsa isaanii ka wiirtuu adda baasaanii tursiisaa keessaa guyyoota 14 irraa gara 7tti gad-buusanii jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Lageen Gara Laga Abbayaatti Yaa’an Irra Jireessi Oromiyaa Irraa Ka Maddan Tahuu Dubbatu, Hayyuun Aadaa fi Seenaa