Prezidaantiin Polaand Marsaa Biraaf Injifatan

  • VOA

Kan aangoo prezidaantummaa harkaa qaban Andrej Duuda filannoo Dilbata kaleessaa gaggeeffameen injifachuu isaanii kaleessa galgala labsan.

Dilbata kaleessaa uummanni ba'e sagalee kennee walii galaan harka 99 ta'u fi prezidaantichii harka 51.2 injifatan jedhame.

Duraan prezidaantichis ta'e mormituun isaanii wal qixxee harka 50 argachuu isaanii Televiziyonni mootummaa beeksisaa turan.

Booda irra garu injifachuu isaanii kan labsan Andrej Duuda uummanni ba'e sagalee kennuu isaa fi isaaniin filachuu isaaf galateeffatanii jiru.

Kanneen hiriira ba'aniinis garaa koo irraa isin galateeffadha jedhanii jiran