Tigraay Keessatti Wal Waraansii Dhaabatee Karaa Gargaarsii Seenu Banamuu Qaba: Jaarmayoota Adda Addaa

  • VOA

Dubartoota walitti bu'iinsa Tigraay keessaa baqatanii qarqaarsa UNHCR kennu fudhachuuf hiriiran, Eddu-gala Hamdayet, Sudaan, Sadaasa 21, 2020

Itiyoophiyaa gama Kaabaa keessatti Walittibu'iinsii mootummaa Federaalaa fi bulchiinsa naannoo Tigraay giddutti gaggefefamaa jiru qabbanaa'ee siviloota ykn namoota nagaaf eegumsii barbaachiisu akka gidhamuuf jaarmayoonni hawaasaa fi mirga dhala namaa sadarkaa addunyaa fi kan biyya keessaa 9 gaafatanii jiru.

Jaarmayoonni kun waa'ee mirga dhala namaa, mirga saalaa, mirga dubartootaa ijoollee irratti hojjatu.

Jaarmayoonni kun ibsa baasaniin Tigraay keessatti uummanni 600,000 gargaarsa nyaataa akka barbaadan ibsanii kanneen Miliyoona tokko caalan sagantaa Seeftii Neettiin deggeramaa akka jiran kana malees baqattonni 100,000 Tigraay keessa akka jiran ibsan.

Haallii amma jiru rakkoo gargaarsa dhala namaa daran akka hammeessuu fi keessumaa Dubartoota, ijoollee fi maanguddonni midhamuu akka malan hubachiisan.

Kanaaf jecha Tigraay Keessatti Wal Waraansii Dhaabatee Karaa Gargaarsii Seenu Banamuu Qaba jedhu.

Gabaasa guutuu caqasaaa

Your browser doesn’t support HTML5

Tigraay Keessatti Wal Waraansii Dhaabatee Karaa Gargaarsii Seenu Banamuu Qaba: Jaarmayoota Adda Addaa