Filatamaan Prezidaantii Joo Baayiden Imaammata Immigireeshinii Ijoo Jijjiiruuf Jiru Jdhamee Eegama 

  • VOA

Filtamaan prezidaantii Joo Baayiden imaammata immigreeshiii hedduu falmsiisaa ta’e battala jijjiiru jedhamee eegama. Odu gabasaastuun VOA ka dhimma immigireeshinii Aline Barros akka gabaastetti baqattoota, kanneen dadhata siyaasaa gaafatanii fi sagantaa DACA ijoollummaan seeraan ala kanneen as dhufaniif eeyama hojii akka argatan taasisu ilaalchisee karoora qabaachuu isaanii gabaaste.

Uggura imalaa kaa’uun, caasaa dahata siyaasaa fi baqattootaa daangessuu, maatiin addaan ba’anii taa’uu fi sagantaa ijoolleen seeraan ala daa’imummaatti as dhufanii booda irra eeyaa jireenyaa argachuu ykn DACA jedhu dhabamsiisuu, kanneen kun imaammata immigireeshinii prezidaant Doonaald Tramp kan filatamaan prezidaantii Joo Baayiden jijjiiruuf waadaa seenan keessaa ti.

Prezidaantiin itti aanan imaammatawwan kana jijjiiruuf ajaja sadarkaa ol aanaa kan prezidantii kennuu malu jechuun xiinxaltoonni dubbatanii jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Filatamaan Prezidaantii Joo Baayiden Imaammata Immigireeshinii Ijoo Jijjiiruuf Jiru Jdhamee Eegama