AMBOO —
Godinaalee Wallaggaa Lixaa fi Qellem Wallaggaa keessatti tajaajilli bilbilaafi intarneetii ji’oota lamaa oliif addaan citee ture dheengadda jechuunis Kibxataa dabre irraa jalqabee banamuu jiraattota keessaa dubbatan.
Itiyoo-Telekomitti, daayirektarri naannoo Lixaa Obbo Mulaatuu Guddataa Godinaalee lamaan keessatti tajaajilichi deebi’ee banamuu isaa mirkaneessanii jiru
Hoogganaan itti-aanaan Biiroo Komiynikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa, sababaan tajaajilichi addaan cite tureef olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi bu’uuraaleen misoomaa waan manca’anii turaniifi, jedhan.
Your browser doesn’t support HTML5