Prezidaant Baayiden Kanneen Hojii Dhabaniif Insuraansii Fayyaa Eeyyamamu Kan Fedhan Ta’uun Ibsame 

  • VOA

Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden kanneen ennaa weerara vaayiresii koronaa insuraansii fayyaa dhaban gargaaruu kan danda’u galmeessuu insuraansii kuunsa fayyaaf akka jalqabamuuf ajaja darbe har’a malatteessuuf jiran.

Lammiiwwan Ameerikaa bakka hojii isaanii tii inshuraansii fayyaa argachuun kan beekamu yoo ta’u sababaa weerarichi babal’ataa adeemen namoonni hedduun hojii dhaa ala waan ta’aniif jecha lakkoobsi namoota insuraansii fayyaa hin qabaannee heddummaatee jira.

Ajaji Baayiden baatii sadiif kan turu yeroo namni insuraansii Obamacare” jedhuuf akka galmaa’u eeyama. Sagantan kun bara 2010 ennaa Baayiden itti aanaa prezidaantii ta’uun tajaajilaa turan tolfame.

Ajaji kun mallatteeffamuu dura White House biraa ibsa kennameen ennaa COVID-19tti duulaa jirru kanatti lammiiwwan Ameerikaa keessumaa kunuunsa fayyaa argachuun baay’ee barbaachisaa dha jedhee jira.

Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 429,000 ol sababaa vaayiresii kanaan du’anii jiran.

Qindeessaan dhimma COVID-19 kan White House Sizaar Jef Zients akka jedhanitti ministriin eegumsa fayyaa Yunaayitid Isteetis ogeessonni eegumsa fayyaa itti dabalaa talaallii kana akka kennaniif haala ni mijeessa jedhan.

Zients itti dabaluu dhaan seera dandammachiisa COVID- 19 kan talaallii fi dandeettii qorannaa ilaalchisee dhiyaate kan Baayiden kongresii dhaan raggaasisamuu qaba jedhan. Bulchiinsichi guyyoota 100 keessatti yoo xiqqaate talaalliiwwan miliyoona 100 uummataan ga’uu dha.