Tokkummaa Mootummootaatti Ergamaa Dhaabbataan Mootummaa Itiyoophiyaa Haala Tigiray Keessaarratti Ibsa Kennan

  • VOA

Ambaasaaaddar Taayyee Azqe-sillaasee

Tigiraay keessatti uummata afaan balaa beelaa jiru gargaarsa dhaqqabsiisuudhaaf, mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbatoota gargaarsaa 53f eyyama eega keennee booda, dhaabbatoonni Tokkummaa Mootummotaa hedduun qophee imalaa fi ergamaa tahuu isaanii dubbi-himaa Tokkummaa Mootummootaa wabii taasifachuudhaan, jaarmayicha addunyaatti gabaastuun VOA, Margaret Bashiir gabaastee turte.

Gama mootummaa Itiyoophiyaatiin, lammiwwan balaa beelaa qarqara jiran kana gargaarsi hatattamaa akka dhaqqabu gochuuf maal akka hojjeetaa jiruu fi dhimmoota dhiittaa mirga namoomaa fi ka biroo kanaan wal-qabatanii ka’an ilaalchisee, as VOA irraa, Alulaa Kebbedee Tokkummaa Mootummootaatti, ergamaa dhaabbataa Mootummaa Itiyoophiyaa – Ambaasaaaddar Taayyee Azqe-sillaasee waliin gidduu kana gaaffii fi deebii geggeessanii jira.

Waraansichi Tigiraay keessatti geggeessameen wal-qabatee balaa namoomaa amma mudate furuuf tattaaffii qabatamaa yeroo amma gama mootummaaItiyoophiyaatiin godhamaa jira, ennaa ibsan,

“Gama keenyaan kan haga ammaatti raaw’ataman, mootummaan cehumsaa yeroo dhaa yerootti miilla gad dhaabbataa, sadarkaa naannootti, sadarkaa aanaa fi gandaattis haga danda’ameefitti, caasaa isaa diriirfataa, qaamota nageenya uummataa eegan ijaaraa jira. Kun kan mataa isaa danda’e faayidaa uummata tasgabbeessuu qaba. Kana qofas otuu hin taane, dhiheessiilee bu’uraa dhiheessuu kanneen dandeessisan haalawwan uumamaa jiru.” Jedhan.

Dhiittaa mirga namoomaa, keessumaa miidhaa quunnamtii-saalaa wajjiin wal-qabate Tigiraay keessatti raaw’atamuu isaas Mootummaan Itiyoophiyaa adda-baafateeibsee jiru dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Tokkummaa Mootummootaatti Ergamaa Dhaabbataan Mootummaa Itiyoophiyaa Haala Tigiray Keessaarratti Ibsa Kennan