Hanqinni Boba'aa Hojii Omishaa Danqee Jira: Qonnaan Bultoota 

  • VOA

Baahir Daar

Bulchiinsa naannoo Amaaraa naanoo magaalaa Baahir Daar fi iddoowwan kanneen biroo keessa qonnaan bultoonni jiraatan hanqiina Beenzinaan rakkoon isaan mudachuu dubbatanii jiru.

Qonnaan bultoonni kun bishaan jalliisiin kan oomiishan yoo ta'u Beenzinni dhabamuun oomiisha nu jalaa hanqiise jedhu.Kana malees rakkoon kun eega uumamee torbanneen darbuun ibsamee jira.

Waajirri daldalaa bulchiinsa naannoo Amaaraa haanqiina Benzinaa mudatee hordofee hojii seeraan alaa gaggeeffamu to'achuuf qophiin jalqabamuu ibsee qonnaan bultoonni haala adda ta'een akka argatn gochuuf yaaliin ta'a akka jiru ibsee jira