AMBOO —
Koomishiniin Tuuriizimii Oromiyaa bakkawwan tuuristii hawwatan beeksisuufi tuurizimiin akka maallaqa guddaa biyyaa fi naannoo Oromiyaaf argamsiisu hojjatan jira jedhe.
Koomishinarri Itti-aanaa Koomishinii Tuuriizimii Oromiyaa Obbo Abiyyuu Tasammaa, dameen tuuriizimii waggoota shanan dhufan keessatti namoota miliyoona tokko caalaniif carraa hojii akka uumu ni hojjanna jedhaniiru.
Gama biraan, weerarri Koovid 19 fi haalli nageenyaa, damee tuurizimiitti danqaa tahuu dubbataniiru. Naakoor Malkaatu Amborraa bilbilaan Obbo Abiyyuu haasofsiise.
Your browser doesn’t support HTML5