Dhaabbatni Yaadannoo Aagituu Ida'oo Hundeeffame

Aaddee Aagituu Guddataa, ka jia llama dura Xaaliyaanii keessatti ajjeefamte (Suuraa: fuula Feesbuukii Aagituu irraa argame)

Dhiheenya kana biyya Xaaliyaaniitti hojii horsiisa re’ee fi oomishaalee bu’aa isaa otuu hojjetaa jirtuu kan ajjeffamte Aagituu Eda'oo yaadachuuf, maqaa isheetiin magaalaa Finfinnee keessatti Faawundeeshiniin ''AGITU EDEO FOUNDATION'' jedhamu hundeessamee jira.

Faawundeeshinicha kan hundeessan maatii ishee yoo ta’an, itti aanaan walitti qabaa boordii dhaabbatichaa Doktor Jabeessaa Tashooma ibsa Raadiyoo sagaalee Ameerikaaf kennaniin hundeeffamuu dhaabbatichaa hojiilee Aagituun hojjechaa turte biyya keessatti itti fufisiisuuf tahuu dubbatn.

Faawundeeahiniin Aagituu bakka maatiin,hiriyyoonni fi jalaatootni ishee argaman itti magaalaa Finfinneetti hundeeffamus ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbatni Yaadannoo Aagituu Ida'oo Hundeeffame