Prezidaantiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) Dr. Debra Tsiyoon Gebre Mikaa'eel dhaabata oduu Sii En En (CNN) waliin gaaffii deebii gaggeessaniin ajjeechaa, humnaan gudeeddii fi hokkara Tigraay-Maariyaam Daangilaatti dhaqqabee jechuun gabaasa dhaabatichi oduu kun dhiyeesse irratti qorannoon walabnii akka gaggeeffamu gaafatanii jiru.
Dhaabbatii oduu Sii En En namoota ijaan argan jedhe jedhee waabeeffatee akka gabaaseetti looltoonni Ertraa bataskaana Maariyaam Dangelaati jedhamtuu kan Tigraay Bahaa keessa jirtuutti dhukaasa banuun namoota kurna hedduu ajjeesan jechuun gabaasee.
Gabaasa kana kan ilaaleen mootummaa Itiyoophiyaas ta'e kan Ertraa biraa haga ammaatti deebiin kennamee hin jiru jedhee jira.