Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa Waliin Dubbachuun Ibsame

  • Namoo Daandii

Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Aantonii Bilinken, rakkoo namoomaa fi mirga dhala-namaa naannoo Tigiraay keessaa ilaalchisuudhaan kaleessa muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed waliin dubbachuu isaanii, dubbi-himaan Ministirii Dhimma-alaa Need Praayis beeksisanii jiran.

Akka Praayis ibsabitti, waa’ee miidhaalee, cabinsawwan mirga namoomaa fi cunqursaalee Tigiraay keessatti raaw’atamanii gabaasaalee amanamoo hedduu baba’aa jiranitti fuuleffachuun muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahmed waliin ka dubbatan, ministarichi Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis – Bilinken, “Mootummaan Itiyoophiyaa baqattoota Tigiraay keessaa dabalatee nageenya uummata Siivilii tiksuu fi gara fuul-duraatti akka hookkarri hin kaane ittisuu gama ilaaldeen Mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfiilee qabatamoo akka fudhatu gad jabeessanii dubbatan.

Hookkaraawwan Tigiraay keessaa hatattamaan akka dhaabatanii fi humnoota naga-eegumsaa naannoo Amaaraa fi loltoota Ertiraa dabalatee humnoonni alaa akka naannoo sana keessaa ba’an hubachiisan, jechuun ibsan – Need Praayis.

Kana malees, qorannaan sadarkaa addunyaa walabaa fi amanamaa tahe miidhaalee mirga namoomaa fi cabinsawwan mirgaa gabaasaman sana irratti akka geggeessamuu fi kanneen gochaa sanaaf itti gaafatamoo tahan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu haala miijessuu irratti mootummaan Itiyoophiyaa hawaasa sadarkaa Addunyaa waliin akka hojjettu gaafatanii jiran.

Daangaa tokko malee akka gargaarsi namoomaa naannoo sana dhaqqabu Itiyoophiyaan guutummaatti eyyamuuf labsuu ishee kan galateeffatan, Bilinken, labsii ishee kana akka hojiitti hiiktu jabeessanii gaafatan. Yunaayitid Isteetis, guutummaa Itiyoophiyaa keessatti uummata rakkatee gargaarsa namoomaa lubbuu-baraaruu ka kennitu tahuus, Ministarichi dantaa alaa Ameerikaa – AntoniiBilinken irra deebi’anii dubbatanii jiran, jechuun dubbi-himaan isaanii Ned Praayis barreeffama baasaniin beeksisan. Mootummaan Itiyoophiyaa waa’ee haasawa kaleessa bilbilaan Antoonii Bilinkenii fi Muummicha-ministaraa Abiyyi gidduutti geggeessame ilaalchisee haga ammaa waan dubbate hin jiru. Ibsa wal-fakkaataa Mr. Bilinken dhiheenya baasaniif ka deebii kenne ture Ministiriin Dhimma-alaa Itiyoophiyaa kun akka dhimma keessoo biyya walabaa tokko gidduu seenuutti kan ilaalamu tahuu dubbate.