Labsiin Farra Shororkeessaa Dhaabbatoota Sabaa-himaa Gabaasaa Madaalawaa Dhiheessuuf Carraaqan Hin Yakku, Jedhame

Faayilii - Namoota gaazexaa gurguraaf dhihaate laalan, Finfinnee

Labsiin Farra Shororkeessaa Itiyoophiyaa dhaabbatoota sabaa-himaa gabaasaa madaalawaa dhiheessuuf carraaqan yakkaan hin gaafachiisu, jedha Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itiyoophiyaa.

Dhaabbatoonni sabaa-himaas tahe gaazzexeessonni gabaasaan qindeessani tamsaasam kaayyoo gochaa shororkeessummaa deggeruu hin qabu taanaan, gabaasicha madaalawaa taasisuuf dhaabbatoota shrorkeessummaatti moggaafaman gaafatanii itti dabaluu ni danda’u, jedhan Waajira Abbaa-alangaa Walii-galaa Federaalaatti, daarekterii barnoota fi leenjii dhimma seeraa obbo Indalkachew Warquu.

Gaazzexeessonni yokaan dhaabatoonni sabaa-himaa akka murtiin haqaa jiraatu deggersa gochuu akka qabanillee dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Labsiin Farra Shororkeessaa Gaazzexeessotaa fi Dhaabbatoota Sabaa-himaa Gabaasaa Madaalawaa Dhiheessuuf Carraaqan Hin Yakku, Jedha Abbaan Al