FINFINNEE —
Ammas hoongee godina Booranaatti mudateef namootni dhuunfaa dhaabbilee fi mootummaan gargaarsa taasisaa jiru. Dhiyeenyas gareen gargaarsa walitti qabuuf socho’aa ture takka qarshii miiliyoona shan ol walitti qabe dursaa garee kanaa keessaa takka ka tahe Jaatanii Boonayyaa VOA’tti himee jira.
Dargaggo Jaataniin gargaarsi walitti qabame gaarii tahus ammas yoo rakkoo ummati keessa jiruun biraa qabnu garuu diqqaa jechuun dubbate.
Waajjirri Sodaa Balaa kan Godina Booranaa ammas loon du’aa akka jiran dubbate. Aab Guyyoo Carfii Itti gaafatamaan waajjirichaa loon kum 25 ol du’uu himanii haga yoonaatti maatiin kum 200 ol gargaarsa argachuu dubbatan.