Dipiloomaatonnii Raashaa 12 haryatamaaniiru

  • VOA

Dipiloomaatonii Raashaa 12 haryatamaaniiru

Yunaayitid ISteets lammiilee Raashiiyaa warren dhaabbata mootumootaa gamtoomanii keessa magaalaa Niwu Yoork keessaa hojachaa jiran 12 akka biyyaa gad lakkisanii bahan ajaja keennuun ishee gabaasameera.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti garee Yunaayitid Isteetes dubbii himtu kan ta’an Oliiviyaa Daalton akka jedhanitti lammiiwan Raashaa Dhaabbata mootummootaa gamtoomanii keessaati ojii tikaa irratti bobba’anii turan mirgaa kennameef darbuudhaan akkaataa nageenyaa Biyaalessaa Yunaayitid Isteetiif midhaa qabuun hojii basaasummaa irratti waan hirmaachaa turaniif akka biyya gad lakkisanii bahan itti himameera jedhaniiru. Kunis kan ta’ee waliigaltee waajiraa dhaabbataa Mootummootaa gamtoomanii wajiin qabnu irratii hundaa’udhaan jidhaniiru Oliiviyaa Daalton.

SEE ALSO: Yukreen Keessatii Loogiin Baqattoota irratti raawatamu akka fudhatama hin qabnee Yunaayitid Isteetes Beeksiftee jirti

Dhaabataa mootummoota gamtoomanitti Ambaasadara Raashaa kan ta’n Vaasilii Nebenziyaa akka oduu gabaastotatti himanitti namoottan 12n Amma Bitootessaa 7ti akka bahan itti himamuu isaa ibsanii, gochichii tarkaanfii diinummaa fi faallaa waliigaltee dhaabbata mootummootaa gamtoomanii fi walgaltee Veenaa akka ta’e himuun isaanii gabaasameera.

Bara 2018 dhimmaa lammii Raashaa Biriteen keessatti balaan Summii irrati raawwateen walqabatee Mootummaan Doonaald Traamp Dipilomaatotaa Raashaa hedduu biyyaa baasuun isaa ni yaadatama.