Eembaasii Itiyoophiyaa Barliin jiruutti itti aanaa hogganaan jila Itiyoophiyaa kan ta’an Ambassadar Tafarii Taaddasaan gareen hogganamuu, daangaa biyya poolaand fi Yukreen irratti kan argaman ta’uun beekamee jira.
Kunis wal waraansa Yukreen keessatti gaggeeffamu dheessuun kanneen daangaa ce’an lammiwwan Itiyoophiyaa fi kanneen hidda dhalata Itiyoophiyaa qaban akkasumas lammiwwan Afrikaa fi kanneen gargaarsa fedhan biroofis deggersa gochuuf ta’uun ibamee jira.
Kanas kan ibsan biyya Jarman, poolaand, yukreen, ripaabliika Cheek fi sloovaak-tti Ambaasaaddara kan ta’an aaddee Muluu solomoon yoo ta’an Eembaasileen Itiyoophiyaa kanneen Swiidan, Deenmaark, Noorweey, Fiinlaand cufamanii as bakka bu’uun hojjataa kan jiran ta’u dubbatan.
Barattonni Itiyoophiyaa irraa Yukreen keessatti barataa turan akkasumas haala adda addaan biyyatti keessa turanii fi amma gara daangaa tti dheessaa jiran maal irra jiru? Marii gaggeeffame caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5