Jireenya Dargaggootaa Foyyeesuuf Deggersii Maallaqaa Kennamee Jira

  • VOA

usaid logo

Yunaaytid Isteetes karaa jaarmayaa ishee kan misooma sadarkaa addunyaan(USAID) invastmeentii haaraa dargaggoota guutummaa Itiyoophiyaa keessaa rakkatan deggeruuf ooluu Doolaara Miliyoona 60 ykn Qarshii Biliyoona 3.1 labsitee jirti.

Kunis waggoota dhufan shan keessatti sochii “Keffitaa” jedhamuun moggaafameen, dargaggoota magaalaalee biyyatti 18 keessa jiraatan, hojii argatanii hawaasa keessatti sagalee isaanii dhageesisuun akka jajjabaatan gocuuf oola.

Kana malees dargaggonni tajaajiila bu’uraa kan akka baankiin, karoora maatii fi tajaajiila fayyaa akka argatan gochuuf yoo ta’u USAID kana kan labsee Finfinnee keessa kan jiru paarkii Freendshiip jedhamu keessatti ta’uun ibsamee jira.

Sirna kana irratti dargaggonni hedduun kan argaman yoo ta’u, waltajjii kana irratti abdii qabanii fi invastmeentii haaraa Amerikaan labsitee kana keessatti guutummaan akka hirmaatan ibsanii jiru.