Kongiresiin Ameerikaa Seera Boba’aa Raashiyaa Ugguru Raggaasise

  • VOA

FAAYILII - Mana Maree Yunaaytid Isteets

Roobii kaleessaa galgala, manni maree bakka bu’oota uummataa Yunaayitid Isteetis boba’aan Raashiyaa gara Ameerikaa akka hin seenne seera dhorku sagalee irra jireessaan raggaasisee jira. Kunis walitti bu’iinsa Ykreen keessatti hammaataa adeemeef seerawwan ugguraa prezidaant Joo Baayiden labsan hojii irra oolchuuf yaalii taasisamee dha.

Seera tumtoonni paartii lamaanii tarkaafii fudhachuuf hawwii qabu, Yunaayitid Isteetis gatiin boba’aa biyya keessaa ol ka’u iyyuu Yukireen waliin michummaan hojjechuu isheef deggersa jiru mujl’isuuf jecha

Seerri sun roobii kaleessaa sagalee 414-17 kan raggaasisame yoo ta’u gara Senetiitti ergamee jira.

SEE ALSO: Galiin Boba’aa Irraa Argamu Dinagdee Biyyootii Afriikaa Hanga Tokko Ol Guddisuun Gabaasame

Guyyoota hanga tokko dura bulchiinsi Baayiden, maatiiwwan Yunaayitid Isteetis gatiin maallaqaa kufuu guddaan ennaa isaan mudate dhiyeessiin boba’aa addunyaa hanqachuu fi boba’aa dabaluu isaa yaadda’uu dhaan boba’aan Rashiyaa biyya keessa akka hin seenne dhorkuuf eyamamaa hin turre.

Przidaant Joo Baayiden akka jedhanitti “Putin waraana isaa naannoo daangaa Yukireenitti walitti qabuu erga jalqabee qabee, gatiin boba’aa Ameerikaa keessaa saantima 75 dabale. Akka kanaan daran ol ka’aa adeema. As biyya keessatti gatii sababaa Putiniin ol ka’e gad xiqqeessuuf waanan danda’e mara nan godha” jedhan.

Boba’aan Raashiyaa oomishaalee gara Yunaayitid Isteetis seenan keessaa hanga xiqqoo ta’us, seera tumtoota kongresii keessaa kanneen uggurri sun dinagdee bulchiinsa Putin dadhabsiisa jedhanii yaadaniif dhimma ijoo dha.