Haleellaan Xayyaaraa Isiraa'el Har'a Libaanon Keessatti Geggeessite Yoo Xiqqaate Namoota 100 Ajjeesuun Himame

  • VOA
Bakka xiyyaarri Israa’el haleellaa raawwattetti aara mullatu, Libaanon, Fulb. 23, 2024.

Bakka xiyyaarri Israa’el haleellaa raawwattetti aara mullatu, Libaanon, Fulb. 23, 2024.

Haleellaan xiyyaaraa Israa’el Wiixata har’a yoo xiqqaate namoota 100 ajjeesuu fi 400 madaa’uu ishee Lebaanan beeksiiftee jirti.

Kunis sababaa lola daangaa qaxxaamuraa Israa’elii fi garee hidhattoota Hizbullaah gidduutti uumame sodaa waraana daangaa hin qabnee kaasiisa soda jedhu uumeera. Waraanni Israa’el qiyyaafata 300 ol haleeluu isaa kan ibse yoo ta’u, dhaabbati oduu mootummaa Lebaanon immoo naannoolee hedduu kutaa kibba biyyattii keessatti haleellaa cimaa raawwachuu isaa gabaaseera.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa’el Rear Adm. Dani’eel Hagaari ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin, humnoonni Israa’el Hizbullaah gara dachee Israa’elitti dhukaasuuf qophaa’aa akka jiru waan agarsisuuf deebii kennuudhaaf tarkaanfii fudhatan.

SEE ALSO: Baatirii Wookii-Tokii Quunnamtii Hizbollah Gidduu Kana Dhodho’ee Du’a Dhaqqabsiise Keessatti Wanni Dho’insa Uumu 'FTN' Jedhamu Argame

Hizbullaah misaa’ela, diroonii fi meeshaalee waraanaa biroo naannoo siiviiloonni jiran keessatti kuusaa jiraachuu Hagaariin ibsanii, Israa’el lammiileen Lebaanan naannoo Hizbullaah keessa jiran akka baqatan gorsaa jirti jedhan.

''Kaayyoo waraana qabnu hunda galmaan ga'uuf socho'aa jirra,'' jedhan Haagaari. ''Gaazaa keessatti, Hamaas diignee namoota booji'aman hunda gara biyyaatti deebisuuf. akkasumas sodaa balaa Hizbullaah fide dhabamsisuu fi jiraattonni Israa’el kaaba irraa nagaan gara mana isaaniitti akka deebi’an dandeessisuudha jedhan.

Hizbullaah deebii kenneen, Wiixata har’a rookkeettiiwwan kurna hedduun maadhee waraana Israa’el kaaba irratti dhukaafamaniif deebii kennuu isaa ibseera. Waraanni Ittisa qilleensaa kan Israa’el diroonii wiixata har’a ganama garee hidhattoota Iraanii deggeramuu kan Iraaq keessatti furguggifames gidduu seenee qolachuu ibseera.