Tokkummaa mootummootaatti bakka buutuun Yunaayititd Isteetis Lindaa Toomaas Giriinfiild dhiyeenya gara Maalii Niijer fi Gaaboonitti imalanii jiran. Imala isaanii kana ilaalchisuun tuuta oduuf ibsa kennaniin haalawwan dinagdee, nageenyaa fi siyaasa Afriikaa keessaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii kennanii jiran. Dhaabbata oduu CBS jedhu irraa Pamela Falk biraa gaaffiin dhiyaate, muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa akka jedhanitti ennaa fonqolchi mootummaa babal’ataa jiru kanatti, angawoonni Maalii fi Nijer kanneen Saahel keessaa rakkoo dinagdee fi siyaasa Afriikaa keessaa hubataa jiruu ka jedhu ture.
Lindaa Toomaas Giriinfiild deebii kennniin, eeyyee fonqolcha mootummaa Sudaan keessaa arginee jirra. Nu yaaddessee jira. Kan ani dubbachuu danda’u akkaataa Yunaayitid Isteetis ittiilaaltuuni. Ardiin bulchiinsa gaarii qabduu fi nageenyi isaa eegame guddina dinagdeef dursa kenna jennee amanna jedhan. Haalli Giinii keessaa kan waraanni aangoo mootummaa dhuunfatee nu yaaddessa, waggaa tokko yeroo hin guunne keessatti yeroo lama gonqolchi mootummaa geggeessame jedhan.
Biyya isa kamiifuu uummati walakkeessa waa maraa ta’uu qaba jennee amanna jedhaniiru. Keessumaa haala Sudaan keessaa ennaa ilaallu, uummati Sudaan nagaa dhaan mormii isaa akka dhageessisu eeyamamuufii qaba, mootummaan ce’umsaa siiviliin hoogganamu illee bakkatti deebi’uu qaba jedhan.
Haala Itiyoophiyaas hin daganne kan jedhan Toomaas Giriinfiild, furmaati jiru waraana miti jedhan. Lammiiwwan Itiyoophiyaa ajjeefamaa jiru, mootmmaa fi qaamotiin walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaatan gara mariitti dhufanii furmaata akka barbaadan, akkasumas uummanni Itiyoophiyaa fuula duratti tarkanfatee, badhaadhina nuti biyyattii keessatti arginetti akka milkaa’u akka taasisaniif carraa jiruun ni jajjabeessina jedhan.