Ayyaanni Irreechaa kaleessa Danqamuutti Aansee Mormiin Itti Fufeera

  • VOA

Irreechaa Hora Arsadee irratti hirmaattonni oggaa mormii agarsiisan, Onkoloolessa 2, 2016

Waggoota hedduu dhaaf akkuma baratame kaleessa magaalaa Bushoftuu keessatti kabajamuuf kan ture ayyaanni Irreechaa kan inni xumurame karaa hin eegaminiin ture.

Ayyaanni sun kan geggeessame mormii mootummaa irratti dhiyaate jeeqama ka’ee fi sanaan wal qabatee baduu lubbuu namoota hedduu, qaamaa hir’achuu dhaan akka ta’e sabaa himaalee biyya keessaa qabee hanga sabaa himaalee sadarkaa addunyaa beekamoo ta’aniin hanga har’aatti gabaasamaa jira.

Itti aanaa dura taa’aan Kongresii Federaalawaa Oromoo obbo Mulaatuu Gammachuu VOAf akka ibsanitti miidhaa guddaan kaleessa raawwatame haala hamtuu ka biroo dhaqqabsiisaa jira. Oromiyaa gama dhiyaa akkasumas Oromiyaa waaltaa keessa kanneen jiran magaalaalee adda addaa keessatti hiriirawwan mootummaa morman hedduun har’a geggeessamaniiru.

Amboo Najjoo Mandii Gimbii dhiya Wallaggaa achii immoo Sandaafaa keessatti haatii fi ilmi du’anii sirna awwaalchaa irratti uummati achii ennaa deebi’u hiriira geggeesseen walitti bu’iinsi uumamuun nutti himamee jira.

Adaa Bargaa Meettaa Roobii, Shaashamannee, Baatuu, Bulee Horaa, Dambi Dolloo, Jalduu, Arsii Nagallee, Adaabbaa, Dodolaa, Gadab Asaasaa keessatti uummati mormii isaa dhageessiaa jira jedhan.

Itti aanaa komiishinerri kmishina poolisii naannoo Oromiyaa obbo Soorii Dinqaa har’a har’a waaree booda ibsa kennaniin naannolee Oromiyaa adda addaa keessa har’as dubbii tuqachuutu jira jedhan. Akkuma Kanaan naannolee Amboo, Dambi Dolloo akkasumas Bishooftuutti bilbillee jiraattota dubbisnee jirra.

Gabaasa sagaleeti kana cuqaasaa