Baayiden Haleellaa Tiraamp Irratti Raawwatame 'namni hundi balaaleffachuu qaba' Jedhan

  • VOA

Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo baayiden taatee harraa booda ibsa kennan, Rehoboz Biich, Delaweer, Adoolessa 13, 2024.

Pirezidaanti Joo Baayiden yaalii ajjeechaa Jimaata harraa pirezdaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame jedhamee shakkame ''namni hundi balaaleffachuu qaba'' jechuun, morkataa isaanii bara 2024 kana dubbisuuf akka karoorfatan ibsan.

SEE ALSO: Doonaald Tiraampi Duula na Filadhaa Peenisilveniyaatti Taasisaa Turerratti Rasaasa Itti Dhakaafameen Waltajjiirraa Bu’eera

Baayiden Dhukaasni sun ta'ee sa’aatii lamaa booda uummata biyyattif haasaha taasisaniin Tiraamp ''gaarii jira'' jedhamee himamuun boqannaa isaanii kennuu dubbatan. Ibsa kennun duras Tiraamp qunnamuu yaalanii akka dadhaban an eeraan Baayiden, Sambata boruu waa’ee qorannoo kanaa ibsi dabalata akkuma argamaa deemun Tiraampillee dubbisuuf carraa hoo argatan akka ibsa dabalataa ummataaf kennan waadaa galaniiru.