Prezidaant Baayiden Lolli Giddu-galeessa Bahaa fi Sudaan Keessaa Akka Dhaabatu Gaafatan

  • VOA

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Gumii Waliigalaa Tokkummaa Mootummootaa 79ffaa irratti oggaa haasaha godhan, Fulb. 24, 2024.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden gareeleen Sudaan kanneen wal waraanan lola biyyattii mancaase akka dhaaban gaafataniiru. Baayiden kana kan dubbatan baniinsa gumii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa 79ffaa Kibxata har’aa irratti haasaa dhageessisaniin ture.

Sudaan keessatti haalli gargaarsa namoomaa hammaataa dhufuun uummanni miliyoonni 8 qarqara beelaa akka jiraatuuf saaxile jedhan. Baayiden akka jedhanitti, “Addunyaan jeneraalota sana hidhachiisuu dhaabuu qaba. Sagalee tokkoon dubbachuu dhaan biyya keessan mancaasuu dhaabaa jedha. Gargaarsa uummata Sudaaniif taasisamu ugguruu dhaabaa. Lola kana dhaabaa” jedhan.

Yukireeniin ilaalchisee Baayiden akka dubbatanitti, Raashaan Yukireeniin barbadeessuu fi NATO dadhabsiisuu hin dandeenye. Yukireen lola kana akka injifattu akkasumas walabummaa ishee akka eegsistu Yunaayitid Isteetis deggersa gootu kan itti fuftu ta’uu waadaa seenaniiru. Rakkoo giddu galeessa bahaa keessaa ilaalchisuun, Baayiden waamicha isaanii kan lola dhaabuu irra deebi’aniiru.

Itti dabalaniis Baayiden, Qaataarii fi Masrii waliin lola dhaabiinsaa fi dhimma iggitamtootaa dhiyeesseen jira. Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa raggaasiseera. Gareeleen walii galtee kana yeroon itti xumuran, iggitamtoota gara qe’ee ofiitti deebisanii fi nageenya Israa’elii fi Gaazaa Hamaas irraa walaba taate itti mirkaneessan amma” jedhan.

Baayiden itti dabaluu dhaan baatii Adoolessaa keessa dorgommii Prezidaantummaa Ameerikaa keessaa ba’uuf murtii irra ga’an illee hoogganoota addunyaaf ibsaniiru.

Murtoo ulfaataa ture kan jedhan Baayiden, “Prezidaantii ta’uun kabajaa jireenya koo ti. Kan ani gochuu fedhu waa hedduutu jira. Garuu akkuman hojicha jaal’adhu, biyya koos nan jaal’adha. Tajaajila uummataa waggoota 50 booda, dhaloonni haaraan yeroon itti biyya koo fuula duratti tarkaanfachiisu amma jedheen murteesse. Hoogganoota michoota koo, aangoo irra turuu caalaa daran waan barbaachisu akka jiru dagachuu hin qabnu. Kan caalaa barbaachisu uummata keessani” jedhaniiru.

Hoogganoonni addunyaa kanneen biroon sa’aatilee fi guyyoota itti aanan haasaa dhageessisu jedhamee eegama. Ministriin dhimma alaa itiyoopiyaa Taayyee Atsqe Sillaasee, muummicha ministeeraa eertraa Osmaan Saalee fi muummichi ministeeraa Somaaliyaa Hamzaa Abdi Barree hoogganoota naannoo gumii kana irratti argaman keessaa ti.