Baqattoota Oromoo kaayirootti abiddaan gubatan: beekamtii koolugaltummaa warra dhabetu aaridhan abidda ofitti qabsiise

Faayilii - Hiriira baqatoota Oromoo, Kaayiroo

Baqattoonni Oromoo Masrii magala Kaayiroo kolugaltummaa gaafatanii ala mootummota Gamtoomanitti wajjira dhimma baqatootaa, UNHCR fundura muka jala jiraachatii turan harra hiriira godhan irratti abidda wajjirichii beekamtii baqatummaa warra dhowwateen ka’e jedhameen namoonni gubatan.

Warra balaa gaheen gubate keessaa jara ofitti qabsiisan oolchutti ofii gubatanii namoota hoospitaala seenan lama, Geetuu Ijiguu fi Aslii Nuuree namoonni jedhaman bala kanaan faaran hubamuu fi du'aa fi jireenya edduu jirachuu isaanii dubbatan.

Waan harra ummamee laalchisee, waajjira UNHCR han magala Kaayiroo irraa qullqulleeffachuu dhaa yaallus sababa yerootin hin milkoofne. Ogga arganee sagantaa biraatin deebina.

Your browser doesn’t support HTML5

Baqattoota Oromoo kaayirootti abiddaan gubatan: beekamtii koolugaltummaa warra dhabetu aaridhan abidda ofitti qabsiise