NAAYROOBII —
Ajjeechaa ji’a Bitootessaa keessa Raayyaan Humna Ittisa Biyyaa jiraattota irratti taasise ka baqatan lammileen Oromoo hedduun ammas Keeniyaa, Solooloo jiru. Hedduun baqattoota kanaas ofirra ka deebi’an yoo ta’an ammas baqattoonni kuma sadii ol Solooloo buufata baqataa Dambalaa Fachaanaa jedhamu keessa jiru.
Baqattoonni kun ofirra deebi’uu feenus haalli nageenyaa naannoo Moyyaalee amansiisaa miti jechuun yoo dubbatan, bulchiinsi Aanaa Moyyaalee garuu baqattoonni kun akka itti ofirra deebi’aniif Mootummaa Keeniyaa duuka maraiyataan jira jedha.
Galmoo Daawit waan qindeesse qaba.
Your browser doesn’t support HTML5