Biyyoottan lammiilee isaanii Afgaanistaan keessaa baasuu itti fufaniiru

  • VOA

Namoota Afgaanistaan keessaa baafamaa jiran, buufata xiyyaaraa Roozii Charlas-de-Gawule

Biyyootan lammiilee isaanii Afgaanistaan keesaa baassuu isaanii guyyaa lammaffaadhaaf har’as itti fufanii ollaniiru.

Ministeerrii umnootaa waraanaa Biyya Faransaay Florence Parly akka jedhanitti, xiyyaarrii waraanaa lammiilee Faransaayi fe’e galgala kaleessaa biyya Yunaayitid Arab Emeireetes keessaa qubateera. Faransaay marsaa lammaffaadhaafis qophaawaa Akka jirtu gabaasameera.

Biyyii hindii guyyaa har’aa Diplomaatota, ojjatootta embaasii fi umnoottan nageenyaa Afgaanistaan keessa turan dabalatee namootta 140 balalii addaa kan umna waraanaatiin kaabul keessaa baasteetti.

Akka waraanii Yunaayitid isteets mirkaneessetti guyaa kaleessaa buufata xiyaaraa keessatti namoonii dhukaasaa banan lama ajjefamaniiru. Akka itti gaafatamaan dhimma preesii peentaagoon John Kirby jedhaniti yaaliin namoonii lamma Ajeefan taasisan balaa dugaadhaa fi qabatamaa ta’eedha.

Haangaawaan yunaayitid isteets tokko kan maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafata akka VOATi himaniitti yemmuu xiyyaarii fe’isaa waraanaa Yunaayitid isteetes ka’uudhaaf jedhuu siviilinii hedduun du’aniiruu. Dhimichii yeroo ammaa qorannoo irra jira.