Bulchiinsa: Harargee Bahaatti Kamisa Darbe Qofa Namoota 20 Olitu Ajjeefame

Godina Harargee Bahaa

Godina Harargee Bahaa aanaalee daangaa naannoo Sumaalee Itiyoophiyaan wal daangessan irratti haleelaan lammilee qulquluu irratti xiyyefate akka aaraatti nurratti geggeefama jira jedhu jiraattoni, guyyaa kamisa kalessaa qofa dhukaasa namoota irratti humna polisii addaatiin banameen Daa’ima waggaa kudhanii Hoosee Aarif dabalatee namoonni sadih ajjefamuu isaani, Aanaalee Cinaagsan, Baabbilee, Minoo Qumbii fi Mayyu Mulluqee keessatti yaroo torbaan lama hin geenne keessattis Namooni digdamaa olii (26) ajjefamanii heddun madaahuu isaan Godini Harargee Bahaa beeksisee jira.

Haleelaan bifa haaraan ummata irratti banamaa jiru kun keessayuu ergaa Humni ittisaa fi Federaalaa Jijjigaafi Naannicha toohate asi jedha ummani. Ministeeri ittisaas haala kana kolachuuf ummataa fi jaarsota waliin ta’uun hojjataa kan jiru ta’uu isaa ministarichatti Dayreektatarri Indooktrinishinii fi Qunnamtii ummaataa Meejar Jeneraal Muhammad Tasamaa Raadiyoo Sagalee Aeerikaatti himanii jiru.