Dhaaboliin Miseensota ADWUI Sadii Hooggana Haarawaa Filataa Jiran

  • VOA

Paartiin dimokraasummaa Amaaraa ADEPAn koree giddu galeessaaf namoota 75 kaadhimee jira. Kana keessa miseensoni 65 filataman 13 koree hoji raawwachiistuu yoo ta’an 9 immoo koree hoji raawwachiistuu ADWAUIf filatamu. Sagalaan laka’amaa kan jiru yoo ta’u maqaan isaanii bor ifatti beeksamuuf jira.

Itti aanaa muummichi ministeera Itiyoophiyaa fi miseensi ADEPA obbo Dammaqaa Mokonnen kabajaan miseensummaa keessaa akka ba’an kan gaafatamee ture gumiin sun waan mormeef jecha miseensummaan akka turan murtaa’ee jira.

ADEPAn miseensota isaa kan turan keessaa

Obbo Alemnew Mekonnen, obbo Leggesee Tulluu, obbo Geetaachoo Jember, obbo Ibarahim Muhamud, obo Dassaaleny Ambaawuu sababaa barnootaan kan geggeesse yoo ta’u aadde Baanchi Yirgaa Melesee yoo dorgomuu baatan jechuun yaada dhiyeessee jira.

Kabajaan akka geggeessaman kan dhiyaatan:

Obbo Kebbedee Caannee, obbo Mekonnin yelewum-wesen, aadde Firehiiwot Ayyaalew, aadde Bisraat Gaashaaw Xannaa fi obbo Geetaachoo Ambaaw ti. Kan ambaasaadderummaan tajaajilaa jiraniif geggeessaman immoo, obbo Kaasaa Teklebirhaan, aadde Zennebuu Taaddesee immoo dorgommii keessaa ala yoo ta’an jechuun yaada dhiyaate raggaasisee jira.

Kanneen koree gidduu gala ADEPA keessaa geggeessaman kana booda itti gaafatama hojii mootummaa irra akka hin kaa’amne murteeffameera. Jechuun Aster Misganaaw Baher Daar irraa gabaasteetti.

Gumiin adda bilisummaa uummata Tigraay 13ffaanis hooggana dhaabichaa filachuu dhaan guyyaa har’aa xumuramee jira. Akkuma kanaan Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el dura taa’aa dhaabichaa, aadde Fetlewerq G/Igzaaberiin immoo itti aanntuu dura teessuu ta’uun filatamaniiru.

Koreen hoji raawwachiistuu dhaabichaa kan kana dura sagal turan amma garu 11 yoo ta’an kunis Dr. Debretsion G/Mikaa’el, aadde Fetlewerq G/Igzaaber, obbo Geetaachoo Reddaa, Obbo Alem G/Waahid, obbo Geetaachoo Asaffaa, aadde Keeriyaa Ibraahim, Dr. Abrhaaham Tekestee, obbo Asmellaash Welde Sillaasee, Dr. Addis Aleem Baallimaa koree hoji raawwachiistuu IHADEG yoo ta’an obbo Beyene Mekruu fi Dr. Akililuu H/Mikaa’el immoo miseensa koree hoji raawwachiistuu adda bilisummaa uummata Tirgaay ta’uun filatamaniiru.

Dhaabbati sochii uummatttota kibbaas gumii dhaabaa 10ffaa geggeessaa jiruun waggoota itti aananiif dhaabicha kan hoogganan koree giddu galeessaa filachuutti jira. Kaadhimamtoota 70 ta’an dhiyeessuu dhaan kanneen keessaa miseensa koree giddu gala filachuuf sagalee kennuu itti fufee jira.