Guyyaa har’aa magaala gudditti Ugaandaa Kaampalaa keessatti doohinsaa bakka lamatti raawwateen namoonni 3 du’anii hedduun mada’aniiru. Namoottan ijaan argan akka jedhanitti dhoohinsii sun kan raawwate naannoo buufata poolisii fi karaa gamoo paarlamaa biyyatti ti dhihoo ta’e irratti.
Haangaa’onni fayya akka jedhanitti namoonni 27 balaa doohinsaa kanaan madaa’anii waldhaansaaf Hospitaalaa seenaniiru. Isaan keessa Yoo xinnaate namoottan 7 madaa cimaan akka isaan muudate himameera.
Poolsiin biyyatti dafee ibsa waan hin kenineef , dhoohinsichii haleellaa boombii ta’uu fi dhiisuu isaa addan baasuun akka hin danda’amne gabasameera.
Erga dhiheenyaa kana balaan dhoohisa boombii qaqqabee as haanga’oonni mootummaa Ugaandaa lammileen biyyatti akka of eegganoo taasisan himaa turan. Haleella boombii ji’a darbee mana nyaataatokko irratti raawwateef gareen mormitootaa, Tokkomaa Umna Dimokiraasii jedhamuu fi unmii garee Islaamiik Isteets isa biyya Centeraal Afrikaa keessa sochuo’u ti hidhata qabu itti gaafatamummaa fudhachuun isaanii gabaasameera.