Doonaald Traampii Prezidaantiin Chaayinaa Wajjin Mariin Cufataan Geggeessan

  • VOA

Doonaald Traampii fi Prezidaantiin Chaayinaa – Shii Jiinpiiing, ka kutaa Flooriidaa jirtu – magaalaa bishaan qarqaraa Paalm Biich keessatti walga’anii jiran.

Prezidaant Shiin kaleessa galgala kan achi galan yoo tahu, mariin isaanii cufataan geggeessamu kun, daldala Yunaayitid Isteetsii fi Chaayinaa, isa Yunaayitid Isteets kasaaraa keessa jirtutti fuuleffachuuf jira.

Waa’ee Kooriyaa Kaabaas mari’achuu hin oolan.

Prezidaantichi Yunaayitid Isteets – Traamp, yeroo filannoo Prezidaantummaa geggeessaa turanitti gama daldalaa fi dhimmoota maallaqaa irratti akka Chaayinaa dura dhaabbatan deddeebisanii dhaadataa turan iyyuu, amma garuu, Prezidaantii Chaayinaa sirna how’aadhaan simatan.

Yeroo Prezidaant Shii Jiinpiing dhufanitti, hiriirawwan asxaalee simannaa fi hawwii gaarii qabatan karaa gamaa fi gamana dhaabatanii simatan iyyuu, mormitoonni haala qabinsa mirga dhala-namaa Chaayinaa balaaleffatanis hiriiranii turan.