Dorgommiin Olompiika addunyaa kan silaa baatii Adooleessa fullee keenyaa gaafa 24 bara 2020 gaggeeffamuuf ture gara waggaa dhufu jechuun bara 2021tti darbuu isaa mummichi ministeera Jaapaan Shinzoo Abee har'a ibsanii jiru.
Kunis soda weerarri vaayrasii koronaa uumeen ta'uun ibsamee jira.
Jaapaan qophii Olompikii kanaaf waggootii darban torba keessatti Doolaaara Miliyoona torba baasuun ishee ibsamee jira.
Gama kaaniin Festivaaliin dorgommii Ispoortii fi Aadaa kan lammiwwan Itiyoophiyaa kan waggootii darban soddomii torbaaf gaggeeffamaa ture barana hafuun isaa ibsamee jira.
Itti gaafatamaan hariiroo alaa kan koree qindeesituu dorgommii kanaa Obbo Iyyaayyuu Zannabaa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti hirmaatonni sagantaa kanaa weerara vaayrasii koronaaf akka hin saaxilamne gochuuf tarkaanfiin kun fudhatame jedhan.
Your browser doesn’t support HTML5