Tigraay keessatti dubartoonnii fi durboonni haeellaan humnaan gudeeddii irratti raawwatamuu dubbatan kanneen 580 ol ta’an miidhaa qaamaa fi sammuuf kan saaxilaman ta’uu VOAf ibsaniiru. Gargaarsa argachuuf gara waaltaalee eegumsa fayyaa addaa addaa dhaqan miidhamtoonni kun umuriin isaanii waggaa saddeetii hanga sagaltamaa akka ga’u ragaan waajjira dhimma dubartootaa irraa argame tuqee jira.
Haleellaa irratti raawwatameen dhibee kan akka HIV fi dhukkuboota dadarban ka biroos kan saaxilaman, miidhaan qaamaa kan irra ga’ee fi ulfa of irraa baasuuf kan dirqaman jiraachuun ibsamee jira.
Your browser doesn’t support HTML5