Embaasiin Ameerikaa Labsii Yeroo Hatattamaa Itoophiyaa Morme

U.S. Embassy Addis Ababa

Mootummaan Itiyoophiyaa mirga bu’uuraa kan akka wal ga’uu fi yaada ofii ibsuu dabalatee labsii yeroo hatattamaa labsuu isaa cimsinee ittiin mormina.

Hookkaraa fi lubbuun namaa baduu kan mootummaa yaaddesse nuunis nu yaaddessa garuu deebii kan ta’u walabummaa itti dabalaa kennuu malee xiqqeessuu akka hin ta’in amantii keenya cimaa dha.

Rakkoon Itiyoophiyaa mudate, jijjiirama dimokraasii, guddina dinagdee ykn sabatiinsa waariinsa qabu haa ta’u hiika kan argatu marii hunda hirmaachisee fi adeemsa siyaasaan malee uggura kaa’uu dhaan miti.

Labsiin yeroo hatattamaa labsamuun hidhamtoota siyaasaa kumaan laka’aman gad dhiisuu dabalatee waltajjii siyaasaa uumuuf tarkaanfii dhiyeenya fudhatame fudhatama dhabsiisa. Lammiiwwan Itiyoophiyaa karaa nagaan yaada ofii ibsachuuf mirga isaan qaban ugguruun durumaanuu kan isaan dhaggeeffatu akka hin qabaanne ergaa dabarsa.

Mootummaan tarkaanfii isaa kana irra deebi’ee yaaduu dhaan jireenya lammiiwwanii fi qabeenyaaf eegumsa akka godhu cimsinee yaadachiisna. Dhugumatti dimokraasii waariinsa qabuuf daandii kan saaqu waltajjii marii hiika qabuu fi hirmaannaa siyaasaaf a’u akka bal’isu cimsinee yaadachiisna.