Filannoon Bulchiinsa Naannoo Tigraay Har’a Geggeessame 

  • VOA

Filannoon bulchiisa naannoo Tigiraay har’a geggeessamee jira. “Guyyichi guyyaa uummatni Tigiraay kan filate qofaan akka bulu itti agarsiise guyyaa guddaa dha,” jedha mootummichi naannoo. Uummatni sagalee kennuuf ba’e, halkan walakkaa irraa jalqabee filannichatti hirmaachuuf akka gara waaltaalee filannoo deemaa tures ibsamee jira.

“Filannichi kan uummatni Tigiraay waltajjii addunyaa irratti maqaan isaa itti ol ka’ee fi diinoota isaa immoo morma buusise,” jedhu ka magaalaa Maqaleetti, Ewehaatiin bakka-bu’uun dorgoman aadde Keeriyaa Ibraahim.

Paartii Bilisummaa Tigiraay bakka-bu’uun ka dorgoman Obbo Mahaarii Yohaannis immoo, “Filannoon Tigiraay akka filannoo ka biraa miti. Akka filannoo hiree murteeffannaa yokaan Riferendamiitti ka lakkaawamu,” jedhan jedha Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa.

Your browser doesn’t support HTML5

Filannoon Bulchiinsa Naannoo Tigraay Har’a Geggeessame