Gareeleen Mormitoota Somaaliyaa Murtii Prezidaantii Biyyattii Simatan 

  • VOA

Faayilii - Mormii Solmaaliyaa keessaa

Gareeleen Mormitoota Somaaliyaa Yeroo Aangoo Dheereffachuu Dhiisuu Prezidaantii Biyyattii Isaaanii Simatan 

Hoogganoonni mormitoota siyaasaa Somaaliyaa hangi tokko prezidaantiin biyyattii iMohammed Abdullaahii Mohaammed maqaa Farmaajoo jedhamuun beekaman yeroo aangoo isaanii waggoota lamaan dheereffachuuf turan dhiisuu isaanii of eeggannoo dhaan simatanii jiru.

Mohammed Kaahiyee Mooqaadishoo irraa akka gabaasetti garuu fedhii isaannii fi kan duruu boodatti harkifate filannoon biyyattii attamiin geggessama isa jedhu ilaalchisee gaaffiin jiru deebii hin arganne.

Farmaajoo jedhamuun kan beekaman prezidnaant Mohammed Abdullahi Mohammed jalqaba baatii kanaa erga isaan yeroo aangoo isaanii waggoota lamaa dheeressuu isa jedhu dhiisanii booda magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa keessatti miirri boqonnaa dhaga’amee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gareeleen Mormitoota Somaaliyaa Murtii Prezidaantii Biyyattii Simatan