‘Gaanfi Afriikaa ammas Gaazexeessitootaaf bakka rakkisaadha’ – Gabaasa Artikil Naayintiinii

Gaanfi Afriikaa gaazexeessitootaaf bakka rakkisaa ta’uu Dhaabbati mirga odeeffannoo argachuu fi walabummaa press’f falmu ‘Artiikil 19’ (Artikil Naayintiin) beeksise. Dhaababtichi harra guyyaa walabummaa pireesii addunyaa Dhaabati Amneestii Internaashinaal ka Damee Keeniyaa qopheesserratti gabaasa dhiyeesseera.

Gabaasa kanaanis keessumaa filannoo Keeniyaa darbe irratti balaan Gaazexeessitootarra gahu dabalee akka ture ifoomseera. Biyyoottan kaan Ka akka Somaaliyaa fi Eertiraa keessattis mirgi gaazexeessitoota sarbamaa akka jirullee hime.

Gaggeessaan Boordiin Dhaabbata Article 19 Mr. Joon Gaashii Itiyoophiyaa keessattis mirgi kun bakka waan hin qabneef gaggeessaan biyyattii haarawi muudaman mirga gaazexeessitootaa kabachiisuu akka qaban dubbataniiru. Qophii kana irratti gaazexeessaan dheengadda hidhaa lakkifame Iskindir Naggaa irratti argameeraa, Galmoo Daawit dabalata isaa Naayiroobii nuun gaheera.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Gaanfi Afriikaa ammas Gaazexeessitootaaf bakka rakkisaadha’ – Gabaasa Artikil Naayintiinii