Itiyoophiyaa fi Ertiraan Haala Tigiraay Hin Jijjiiran Taanaan Uggura Dabalataa Akka Irra Kaa’uu Maltu Dubbatti Yunaayitid Isteetis

(Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaa fi Eriraan hookkarri Tigiraay keessatti siiviloota irratti geggeessamu akka dhaabatu yoo hin taasisne, uggra dabalataa kan irra kaa’uu maltu tahuu Yunaayitid Isteetis akeekkachiisaa jirti. Kaleessa, Koree Hariiroo Alaa, kan Senetii Yunaayitid Isteetis irratti haala Itiyoophiyaa keessaa yeroo ammaa ilaalchisuun dhuga-bahinsa geggeessame irratti hoogganoonni Yunaayitid Isteetis kana dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa fi Ertiraan Haala Tigiraay Hin Jijjiiran Taanaan Uggura Dabalataa Akka Irra Kaa’uu Maltu Dubbatti Yunaayitid Isteetis

Maricha kan hoogganan dura-taa’aan Koree Hariiroo Alaa, kan Mana-maree Murtii-seeraa Yunaayitid Isteetis, Boob Maandez, fakeenya ajjeechaa duguuginsa sanyii ammaan dura Daarfur keessatti geggeessameen argaa jira, jedhanii sadarkaan isaa wal haacaalu malee qaamonni hundi gochaalee kanaaf itti gaafatamoo tahuu dubbatan.

Dhagu’a bahinsa kana irratti ka dubbatan – miseensi Senetii Yunaayitid Iteetis, dhiheenya Itiyoophiyaa dabalee Gaanfa Afrikaa daawwatanii deebi’an – Seneeter Kiristoofer Kuuns, irra-jireessi keenya, Muummichi-ministaraa Abiyyi, haala hirmaannaa siyaasaa miijessuu isaa irratti abdii horannee turre, jedhanii, “sochiin mormii isaan anngootii fide sun dargaggoota Oromiyaaatiin kan hoogganame.

Yeroo ammaa baayeen isaanii mana hidhaa jiruu yokaan waraa hidhatee lolaa jirutti makamaniiru,” jechuun haala amma jiru irratti gaaffii qaban dhiheessan.