Jarman Haleellaa Wixata Darbee Nama Geechisee Barbaadumattii Jirti

  • VOA

Jarman Haleellaa Wixata Darbee Nama Geechisee Barbaadumattii Jirti

Poolisiin Germany haleellaa Wixata Berlin keessatti raawwatame ilaalchisuun shakkamaa haaraa barbaadaa jiraachuu ministeerri dhimma biyya keessaa biyyattii beeksisanii jiran. Gabaasaalee sabaa himaa kan lammii Tunisiyaa dahata siyaasaa gaafateef garee leellistoota Islaamummaattii hidhata qabu garu hin mirkaneessin hafan.

Angawoota humnootii nagaa eegisisan biraa ibsi erga kennameefii booda Thomas de Meziyer akka jedhanitti poolisiin shakkamaa isa haaraa adda baaseera, garuu shakkamaa ta’uu isaa fi nama ajjeechaa raawwate jechuu miti jechuun cimsanii dubbatan.

Meeziyeer gabaasaa sabaa himaa mirkaneessuu ykn haaluu baatanis seera tumtoonni kan akka Stephan Meyer akka jedhanitti shakkamaan sun hordoffii poolisii jala kan turee fi waraqaa eenuymmaa kijibaa hedduutti fayyadamaa ture.