Iraan Tarkaanfii Fudhattu Beeksisaa Jirti

  • VOA

Magaala Tehraan, Iraan

Iraan albuudaa Yuraaniyam jedhamu hojii gabbisuu keessatti qulqulummaa isaa hanga 100 keessaa harka 60ttti guddiisuun ishee haleellaa warshaa Nukleeraa Natanz jedhamu irratti dhaqqabeef deebii ta’u isaa prezidaantiin biyyatti Hassan Rohaanii har’a ibsanii jiru.

Walgahii Kaabinee irratti haasawaa kan dhageesiisan Rouhaniin meeshaaleen warshaa keessaa kanneen akka barbada’an kan caalaatti jabaa ta’een bakka buufamuu jedhan.Iraan duraan albuudaa Yuraaniyamii harka 20 qofa gabbisaa turte.Amma garuu dabalataan kan gabbistuu ta’u beeksiifte.

Akka walii galtee Nukleeraa Iraanii fi biyyoota addunyaa irratti human jabaa qaban 6 giddutti tolfamee akka jedhutti Iraan hanga harka 3.67 qofa akka gabbiifattuu kunis meeshaa Nukleeraa hojjatti soda jedhuuf kan daangeeffamee ture.

Iraan garu sagantaan Nukleeraa qabdu tataajiila uummataaf kan akka human eleektrikaa fi dawaalee qofaaf akka itti gargaaramtu ibsaa turte.