Itiyoophiyaa keessatii tatamsa’uun Vaayiresii Koroonaa dabalee jira

Ministeera Eegumsa Fayyaa, Dr Liyaa Taaddasaa (Suuraa faayilii)

Itoophiyaatti tatamsa'inni vaayirasii koronaa dhibbeentaa sadi gahee ture torban lama keessatti gara dhiibbeentaa 28ttii ol dabaluu ministeerri fayyaa har'a ifoomseera. Torban tokko keessatti baay'inni namoota vaayirasii kanaan qabamanii 8000 ol ta'uun saffisaan tatamsa'uu Vaayirasii kanaa mul'isa jedhan ministeerri fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa.

Addunyaa irratti kan mul'ate gosti vaayirasii koronaa Omikiroonii jedhamu Itoophiyaatti mul'achuu fi mul'achuu dhabuu qorannoon taasisamaa jira jechuun ministeerri fayyaa ibseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa keessatii tatamsa’uun Vaayiresii Koroonaa dabalee jira

SEE ALSO: Talaalliin Vaayiresii Omikroon Ittisuu Danda’u Oomishamaa Jira